Fana: At a Speed of Life!

Muummeen Ministiraa balaa hongeef deebii mootummaan kenne lammiilee baraaruu ibsan

Finfinnee, Bitootessa 19, 2015 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad gita balaan hongee mudateetiin hojiilee bal’aan utuu hinhojjetamnee lammiilee hedduun akka miidhaman dubbatan.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad dhimmoota garaagraarratti gaaffilee miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa dhiyaataniif ibsa bal’aa kennaniiru.

Haaluma kanaan Ityoophiyaa naannawaa tokko tokkotti hongee mudate ilaalchisee ibsa kennaniin hongeen mudatee miidha garaagaraa hordofsiisuu kaasaniiru.

Kunis hongeen gara beelaatti akka hinceene, mootummaan, dhaabbileen tumsitootaa fi hirmaannaa ummataan hojiilee bal’aan hojjetamuu ibsaniiru.

Kanas Muummeen Ministiraa galateeffataniiru.

Biyyattii naannawaa tokko tokkotti gita hongee mudateetiin hojiileen utuu hinhojjetamnee lammiileen ni miidhamu turan jedhan.

Gama mootummaan naannolee sadiitti godinaalee10 fi aanaalee 61’tti deeggarsi dursaa barbaachisuutti lammiilee miiliyoona 3.6’f dhiyaateera.

Akkasumas naannolee saddeetitti kan argaman godinaalee 32’tti lammiilee miiliyoona 6’f deeggarsi akka dhiyaatuuf taasifamuu himana.

Oomoo Kibbaa aanaalee ja’aattii lammiilaa kuma 300’f deeggarsi dhiyaateera jedhan.

Boorana ilaalchisuun naannawichi lafa bal’aa akka qabuu fi rakkooon bishaan qofaa akka ta’ee eeruun, rakkoo kana bu’uureffachuun akka hojjetamuu ibsaniiru.

Bara dhufus naannawaaleen kunneen deeggaramuurraa gara deeggarsa taasisuutti akka ce’an amantaa qaban ibsaniiru.

Gama biraatiin, Naannoo Tigraay ilaalchisee ibsa kennaniin ABUT irraa farrajaa kaasuun sirrii akka ta’e eeranii, kanaafis kan galateeffatan Muummeen Ministiraa, ummanni Tigraay gara ummatoota birootti akka dhufan manni marichaa ciminaan akka hojjetu hubachiisaniiru.

Gungummii Oromoo fi Amaaraa gidduus eenyunillee akka hinfayyadne, tasgabbiin, mari’achuun furuun barbaachisa jedhan.
Lameenuu rakkoon kamuu jiraatu waldhiibuu fi muddamuurra miira obbolummaan hojjechuu qabu jedhaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.