Fana: At a Speed of Life!

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad hojii ijaarsa daandii Asfaaltii Jimmaa-Kontaa dhagaa bu’uuraa kaa’uun ifatti eegalchiisan

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad hojii ijaarsa daandii Asfaaltii Jimmaa-Kontaa dhagaa bu’uuraa kaa’uun ifatti eegalchiisaniiru.
Daandichi Kiiloomeetira 80 dheeratu Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin dhagaa bu’uuraa kaa’ameera.
Baasiin proojaktii ijaarsa daandii kanaa Birri Biiliyoona 2 fi Miiliyoona 400 fi Miliyoona 23tti siquun kan hojjetamu yoo ta’u himameera.
Baasii kanaafiis Baankii Misooma Afriikaa, Dhaabbata Deeggarsa Addunyaa Jaappaaniif Mootummaa Ityoophiyaatiin qooda fudhataniru.
Muummee ministiraa Dookatar Abiy Ahmad dabalatee Itti aanaa Muummee ministiraa fi Ministira Dhimmaa Ala obbo Dammaqaa Mokonnin fi aanga’oonni olaanoon argamaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.