Fana: At a Speed of Life!

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad maatii isaanii waliin ta’uun guyyaa har’aa biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Caamsaa 29, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad maatii isaanii waliin ta’uun guyyaa har’aa biqiltuu dhaaban.

 

Misoomni magariisaa bara 2012 guyyaa kaleessaa eegaluun isaa ni yaadatama.

 

Kanumaan walqabatee muummeen ministira Dooktar Abiy Ahimad maatii isaan Giiftii Duree aadde Zinnash Taayyachawu fi ijoollee isaanii waliin ta’uun waajjira muummee ministira keessa biqiltuu dhaabaniiru.

 

Tattamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuun hawasni biqiltuu mooraa isaa fi naannoo dhaabuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

 

Guyyaa kaleessaa kan eegale misoomni magariisaa guutuu biyyatti biqiltoota biiliyoona 5 dhaabuuf karoorrii qabamee qophii ta’uu himameera.

 


Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.