Fana: At a Speed of Life!

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad seenatara Jiimii Inhoof waliin haala waqtaawaa naannoo Tigiraayi jirurraatti mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad seenatara Jiimii Inhoof waliin haala waqtaawaa naannoo Tigiraayi jirurraatti mari’ataniiru.
Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad dhaabbiileen deeggarsa dhiyeessaan naannoo Tigiraayitti socho’anii deeggarsa akka taasisaniif mootummaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Mootummaan naannichaatti dhiyeessii namoomaa cimee akka itti fufuf hojjechaa jiraachuus beeksisaniiru.
Seenatarichi naannichi dhaabbilee dhiyeessii deeggarsa namoomaa idil addunyaaf banaa ta’uun isaa gaaridha jedhaniiru.
Kun ammoo naannichatti tasgabbiin akka uumamuu fi iftoommin akka jiraatuuf gahee olaanaa qaba jedhaniiru.
Seenaatarri Jiimii Inhoof muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad erga gara aangootti dhufanii as jijjiirama galmeessaa jiraachuu isaanii ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.