Fana: At a Speed of Life!

Muummeen Ministiraa Sudaan Abdallaa Hamdook humna waraanaa hin beekkamneen to’annoo jala oolan

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2014 (FBC)  – Muummeen Ministiraa Sudaan Abdallaa Hamdook har’a ganama humna waraanaa hin beekkamneen to’annoo jala ooluun Mana Jireenyaa isaaniitti hidhamuu ibsameera.

Muummeen Ministiraa Sudaan Abdallaa Hamdook humna waraana hin beekkamneen to’atamuun hidhaa dhaabbiirra akka turan taasiifamuu isaanii miidiyaaleen biyyatti gabaasaniiru.

Shira fonqolcha mootummaa tibbana yaallamaa ture hordofee humna waraanaa fi garee siiviilii gidduutti waldhabdee uumame cimee itti fufuu ibsameera.

Magaalaa Guddittii biyyaatti Kaartuum keessatti tajaajilli Interneetii adda cituu isaan haala amma jiru odeeffannoo argachuun rakkisaa ta’uu ibsameera.

Gorsaa Muummee Ministiraa fi dubbii himaa Mana Maree Birmadummaa biyyattii dabalatee hoggantoonni fi Ministiroonni hedduun to’annoo jala ooluu himameera.

1.Ministirri Ministeera Miidiyaalee obbo Haashiim Hasaba’alrasuul

2.Ministirri Ministeera Indaastirii obbo Ibraahiim Alsheek

  1. Ministirri Ministeera Beeksiisaa Umzaa Baluul

4.Itti gaafatamaan Ministiroota Dhimma Kaabinee obbo Kaalid Yeesuuf

5.Miseensi hoggansa Mana Maree Birmadummaa obbo Mahaammad Alfakii

6.Dura taa’aan  Paartii Kongirasii Sudaan obbo Umar Adagbar

7.Kaantibaa magaalaa Kaartum obbo Ayiman Niimiir dabalateen hoggantoonni hedduun to’annoo jala ooluu himameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.