Fana: At a Speed of Life!

Muummeen Ministiraa Sudaan duraanii Saadiiq Al Maahiddiin boqotan

Finfinnee, Sadaasa 17, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa Sudaan duraanii Saadiiq Al Maahiddiin addunyaa kanarraa du’aan boqotan.
Sadiiq Al Maahiddiin dhibee vaayrasii koroonaan du’uu isaanii himameera.
Saadiiq Al Maahiddiin Emmireetoota Araba Gamtoomaniitti Hospitaala galiinii torbee sadi booda lubbuun darbuu isaanii maatii fi paartiin biyyaalessa Uumaa ibsa laataniin ifoomsaniiru.
Jalqaba baatii Sadaasaa maatiin Al Maahiddii 21 ta’an vaayrasii koroonaan qabamuun Hospitaala galuu isaanii ibsameera.
Saadiiq Al Maahiddiin umrii waggaa 84 isaaniitti addunyaa kanarraa boqataniiru.
Hanga bara Faranjootaa 1989tti Muummee Ministiraa Sudaan ta’uun tajaajilaniiru.
Saadiiq Al Maahiddiin fonqolcha mootummaa preezdaantii Sudaan duraanii Oomaar Al Bashiriin gaggeeffameen aangorraa ittifamanii turan.
Maddi:-BBC
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.