Fana: At a Speed of Life!

Muusaa Faakiin vaayrasii koroonaarraa bilisa ta’an

Finfinnee, Bitootessa 19, 2012 (FBC) – Komishinarri Komiishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaamaat qorannoo taasisaniin vaayrasii koroonarraa bilisa ta’uu isaanii mirkanaa’e.
 
Komishinarichi erga miseensi mana hojii isaanii vaayrasii koroonaan qabamuu isaa mirkaanaa’e booda qophaatti of foo’anii turan.
 
Yaa ta’uutii qorannoo laabraatoorii gaggeeffameen dhibicharraa bilisa ta’uu isaanii Fuula Twiitarii isaaniin ifoomsaniiru.
 
Koomishinarichi gorsa ogeeyyii fayyaa fi qajeelfama Dhaabbata Fayyaa Addunyaa kabajuun guyyoota 14f qophaatti of foo’anii kan turan ta’uu ibsaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.