Fana: At a Speed of Life!

Muusaa Faqii Mahaammat marii Hidha Haaromsaa jajjabeessan

Finfinnee, Caamsaa 15, 2012 (FBC) – Dura taa’aan Koomiishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faqii Mahaammat marii Hidha Haaromsaarratti taasifamu kan deeggaran ta’uu beeksisan.
 
Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts mariin Hidha Haaromsaarratti taasisan waliigalteedhan akka xumuramu gamtichi kan tumsu ta’uu dura taa’ichi ibsaniiru.
 
Mariin teeknikaa karaa ministiroota bishaanii biyyoota sadaniitin taasifamu karaa fayyadamtummaa qixaa fi haqaa kabachiisen akka xumuramu barbaannas jedhaniiru.
 
Marichi akkaataa waliigaltee bara 2015 Sudaan magaalaa Kaartuumitti irra ga’ameen akka goolabamus jajjabeessaniiru.
 
Waliigaltichi walamantaa, waltumsaa fi iftoomina kan qabu akka ta’es eeraniiru.
 
Mariin taasifamu waliigalteedhan akka xumramu gamtichi tumsa barbaachisaa ni taasisas jedhaniiru.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.