Fana: At a Speed of Life!

Naajeeriyaatti labsiin namoota daa’imman gudeedaan kolaasisu ragga’e

Finfinnee, Fulbaana 7, 2013 (FBC) – Kaaba Naajeriyaa bulchiinsa Kaaduunaatti labsiin namoota daa’imman gudeedan yaalaan akka kolaafaman taasisu ragga’e.
 
Bulchaan bulchiinsa Kaaduunaa Ahimad Eel Ruufaay labsiin haaraan kun hojiirra akka oolu kaleessa galgala mallatteessaniiru.
 
Labsichi namoota daa’imman umriin isaanii waggaa 14 gadi ta’e gudeedaan yaalaan akka kolaafamanii fi adabbii hidhaa umrii guutuu kan itti murteessudha jedhame.
 
Naajeeriyaatti duulli balaalleeffannaa yakka dirqisiisanii gudeeduu baayy’een gaggeeffamaa tureera.
 
Mootummaan biyyattis namoota yakka kanaan shakkaman hedduu too’annoo jala oolchuu ibseera.
 
Labsii kana raggaasisuun Kaaduunaan Naajeeryaatti bulchiinsa jalqabaati.
Maddi:BBC
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.