Fana: At a Speed of Life!

Naannawaa Daldalaa Walabaa Dirree Dawaa guddisuuf deeggarsi ni taasifama-Obbo Ahimad Shidee

Finfinnee, Fulbaana 15, 2015 (FBC)- Naannawaa Daldalaa Walabaa Dirree Dawaa guddisuuf, tajaajila isaa babal’isuu fi galma qabameef akka milkeessuuf deeggarsi barbaachisaan kan taasifamu ta’uu Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen ibsan.

Gareen Jilaa Obbo Ahimad Shideen durfamu, Naannawaa Daldalaa Walabaa Dirree Dawaa daawwateera.

Wayita daawwannichaattis Obbo Ahimad Shideen, Naannawaa Daldalaa Walabaa Dirree Dawaa guddisuuf, tajaajila isaa babal’isuu fi galma qabameef akka milkeessuuf mootummaan deeggarsa taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.

Daawwannicha Hoji Gaggeessaa Koorporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Ityoophiyaa Obbo Sandookaan Dabbabaa dabalatee, Kantiibaan Dirree Dawaa Obbo Kadiir Juhaar fi qondaaltonni olaanoo biroon hirmaataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.