Fana: At a Speed of Life!

Naannawaa Gammoojjiitti piroojektoonni damdamannaa Jireenyaa hawaasa hojjetamaa jiran bu’aa gaarii argamsiisaa jiru-BMJHBO

Finfinnee, Caamsaa 27, 2015 (FBC)- Naannawaa Gammoojjiitti pirojektoonni dandamannaa Jireenyaa hawaasaa hojjetamaa jiran bu’aa gaarii argamsiisaa jiraachuu Biiroon Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa ibse.

Oromiyaa naannawaa gammoojjiitti hojiin misooma jallisii fi daagaa hidhuu hojjetamaa jiraachuun eerameera.

Ittaanaan Hogganaa Birichaa Obbo Roobaa Turchee jiruu fi jireenya uummata gammoojjii dandamachiisuuf pirojektoonni hedduun hojiitti galuun bu’aa gaariis argamsiisaa jiraachuu himaniiru.

Naannawaa Gammoojjiitti hanga ammaatti lafa hektaara kuma 78 ol irraatti hojiileen eegumsa biyyee fi bishaanii hojjetameera jedhame.

Nannawichaattis horsiisee bultoonni gurmaa’uun eegumsa naannoo, horsiisa kanniisaa, furdisa loonii, gaalaa, akkasumas horsiisa hoolotaa fi re’oota irratti bobba’uun himameera.

Godina Booranaa Aanaa Eelwayyeetti Qindeessaan Piroojektii Dandamannaa Jiruufi Jireenya Gammoojjii Obbo Jallaa Dullachaa, aanichatti daagaa kiiloo meetira 121 hojjetamuu fi biqiltuuwwan eegumsa biyyee naannawichaa oolanii fi gammoojjumma dandamatan dhaabamuu eeraniiru.

Kaffaaloo Shifarraatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.