Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti hojiiwwan nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuu cimee kan itti fufu ta’uu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2014 (FBC) – Naannoo Harariitti hojiiwwan nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuu fi seera kabachiisuu cimee kan ittu fufu ta’uu Mootummaan naannichaa beeksiseera.

Mana marii nageenya naannoo Hararii haala yeroo irratti ibsa baaseera. Guutuun ibsichaa akka itti aanutti dhiyaateera.

Manni marii nageenya Naannoo Hararii dhimmoota haala yeroo, naannoo fi biyyaa irratti mari’achuun ibsa kenneera.

Miseensonni mana marii nageenyaa haleellaa gidduu kana lixa wallaggaatii fi naannoo gambeellatti lammiilee nagayaa irratti raawwatame balaaleffachuun gara fuula duraattiis mootummaan olaantummaa seeraa kabajchiisuun, biyya tasgabboofte ijaaruuf tattaaffiin jalqabame cimee akka itti fufu ibseera.

Hojiin Seera kabachiisuu gara fuula duraatti kallattii xiyyeeffannoo isa olaanaa ta’uu beeksiseera.

Humni nageenyaa naannichaa raayyaa ittisa biyyaa waliin, nageenyaa fi tasgabbii biyyoolessaa waliin, poolisii federaalaa fi humnoota nageenyaa Oromiyaatii fi ummata waliin ta’uun qindoominaan hojjachaa jira.

Naannichatti gama olaantummaa seeraa kabachiisuutiin keessumattuu ijaarsa seeraan alaatii fi weerara lafaa ittisuuf hojiiwwan ummata waliin hojjatamaa jiran cimanii akka itti fufan kallattiin kan kaa’ame yoo ta’u iddoowwan manneen Amantaa fi manneen barnootaa irratti weerara lafaa fi ijaarsa seeraan alaa, naannichatti warreen walitti bu’iinsa amantaa uumuuf toftaa itti fayyadaman waan ta’eef humnoonni nageenyaa ummata nagaa barbaaduu waliin qindaa’uun hojiiwwan seera kabachiisuu jalqabame cimee akka itti fufu ereera.

Dabalataanis walitti bu’iinsaa amantaa finxaaleeyyummaa ka’umsa godhate uumuu kan barbaadan humnoonni farra nageenyaa toftaalee garaagaraatti fayyadamuudhaan ummata gidduutti shakkii fi jibbiinsa uumuun akkasumas ummata keessatti hookkara kaasuun naannichi akka hin tasgabboofne kan taasisan gocha kana irraa of sirreessuu yoo baatan tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu hubachiiseera.

Gama yakka ittisuutiin Magaalaa Hararitti yakkamtoota garaagaraa to’annoo jala oolchuun mana murtiitti dhiyeessuun murtiin akka itti kennamu gochuun danda’ameera.

Sochii tiraafikaa wajjiin wal qabatees tarkaanfii fudhatameen jijjiima seera kabachiisuu galmeessisuu madaaleera.

Karaa seeraan alaatiin namoota daddabarsuu ittisuu, gama baala sammuu nama hadoochan to’achuutiin, kotorbaandii fi daldala seeraan alaa ittisuutiin, meeshaalee waraanaa seeraan alaa too’achuutiin oppireeshinii godhameen jijjiirama fiduun danda’ameera jedha ibsichi.

Milkaa’ina hojii kanaatiif koreen hundaa’ee mana marichaatiin yeroo yerootti qoratamuun hojiin gaariin akka cimsuu fi qaawaaleen mullatan saffisaan akka sirreeffaman taasifamaa jira.

Hojiiwwan seera kabachiisuu hojjatamaa jiran irratti kutaalee hawaasaa hundi deeggarsa godhaa ture cimsee akka itti fufu manni marichaa waamicha dhiheessa.

Waan kana ta’eef ummanni naannoo keenyaa nageenya jaalatu humnoota nageenyaa waliin qindaa’uunii fi naannoo isaa dammaqinaan eeggachuun har’aas akkuma kaleessaa ummanni naannoo keenyaa nagaan, jaalalaanii fi wal danda’uun kan jiraatan ta’uu hojiin akka mirkaneessitan ni amanama.

Dabalataanis shiroota biyyaa diiguu akraarummaa amantaatii fi fiinxaaleyyummaan, karaa miidiyaa hawaasaatiin, aktiivistummaan, garee siyaasaatii fi maqaa sabaatiin xaxaman manni marichaa haala kamiinuu akka irra hin darbine beekamuu qaba jedheera.

Naannichatti hojiiwwan nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuu fi seera kabachiisuu cimee itti fufa.

Mana Marii Nageenyaa Naannoo Hararii

Waxabajjii 22/2014

Harar

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.