Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti lafti heektaarri kumni 105 ol oomisha Arfaasaan misoomaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 18, 2015(FBC)- Naannoo Sidaamaatti lafti heektaarri kumni 105 ol oomisha waqtii Arfaasaan misoomaa jiraachuu ibsameera.

Pireezidaantiin naannichaa Obbo Dastaa Leeddaamoofi hoggantoonni olaanoon naannichaa biroon ooyiruu qonnaa waqtii Arfaasaan misoomaa jiru daawwataniiru.

Naannichatti oomishaalee Waqtii Arfaasaan oomishaman keessaa boqqolloon lafa heektaara kuma 60 olirratti misoomaa jiraachuu eerameera.

Hoggantoonni olaanoon naannichaa oomisha qonnaa aanaalee Naannawaa Hawaasaa, Boorchaa, Bilaateefi Daraaroo kan daawwatan ta’uu TOI gabaaseera.

Naannichatti waqtii Arfaasaan lafti heektaarri kumni 105 ol misoomaa jiraachuufi oomishni kuntaalli miiliyoonni 10 ni argamaan kan eegamu ta’uu ragaan Biiroo Qonnaafi Qabeenya Uumamaa naannichaarraa argame ni mul’isa.

Hoggantoonni naannichaa daawwannaa kanaan booda sagantaa sosochii qonna gannaafi eegalchiisa Ashaaraa Magariisaarratti kan mari’atan ta’uu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.