Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti lammiileen miiliyoonni 3.4 deeggarsa midhaan nyaataa barbaadu jedhame

Finfinnee, Hagayya 12, 2014 (FBC)- Naannoo Uummattoota Kibbaatti lammiileen miiliyoonni 3 fi kumni dhibbi 4 deeggarsa midhaan nyaataa kan barbaadan ta’uu Biiroon Qonnaa naannichaa  ibse.

Naannichatti waltajjiin marii miidhaa jijjiirama qabeenya qilleensaan lammiileerra gahu ittisuurratti kaayyeffate gaggeeffamaa jira.

Naannichatti hanqinni roobaafi jijjiiramni qabeenya qilleensaa waqtii Arfaasaa bara 2013 irraa eegalee mudate qonnaan bulaafi horsiise bulaa miidhaa hamaaf saaxiluu hogganaan Biiroo Qonnaa naannichaa obbo Usmaan Surur eeraniiru.

Oomisha midhaanii irrattis miidhaa cimaa qaqqabsiisuu kaasaniiru.

Sababa kanaanis lammiileen miiliyoonni 3 fi kumni dhibbi 4 deeggarsa midhaan nyaataa kan barbaadan ta’uu ibsuun, kanneen keessaa lammiileen miiliyoonni 2 fi kumni dhibbi 7 deeggarsa ariifachiisaa barbaadu jedhaniiru.

Dabalataanis bara baajataa 2014tti daa’imman umriin isaanii waggaa 5 gadii kumni 66 fi 335 rakkoo hanqina midhaaniin walqabatuuf saaxilamuu ibsuu DhRTK gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.