Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti qabeenyi dhuunfaafi waloo qaama sadaffaaf akka hin dabarfamne dhorkiin kaa’ame

Finfinnee, Sadaasa 27, 2015(FBC)- Naannoo Somaaleetti qabeenyi dhuunfaafi waloo qaama sadaffaaf akka hin dabarfamne dhorkiin yeroo kaa’amuu Koreen farra malaammaltummaa naannichaa beeksise.

Korichi dhimmoota ergamasaarratti gufuu uumuu danda’an irratti erga mari’ateen booda ibsa baaseera.

Naannichatti malaammaltummaa ittisuufi dhimmicha gadifageenyaan qorachuuf koree xiqqaa hundeessuun haala danda’amurratti mari’achuus eerameera.

Naannichatti gochoota malaammaltummaarratti hordoffiifi qorannoo taasisuuf qabeenya malaammaltummaaf saaxilamoo ta’an irratti dhorkii yeroo kaa’uu beeksiseera.

Dhorkichi guyyaa kaleessaarraa eegalee baatiiwwan sadiif kan turu ta’uufi warreen dhorkiin irra kaa’ames kaartaa mana dhuunfaa, qabiyyee lafaafi konkolaattotarra ta’uu eerameera.

Dhorkichi qabeenya mootummaafi uummataa malaammaltummaan shakkaman irratti yeroo hin murtoofneef qorannoo gaggeessuuf akkasumas qabeenyi malaammaltummaan argame akka hin miliqfamneef ta’uu ibsameera.

Ajajni dhorkichaa Biiroo Daldalaafi Geejjibaaf, Biiroo Misooma Magaalaafi Konistiraakshiniif, Bulchiinsota Magaalaafi qaamolee dhimmi ilaallatu biroo biraan kan ga’amu ta’uu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.