Fana: At a Speed of Life!

Naannichi hoggantootaa fi hojjettoota ragaan barnootaa sobaa irratti argame kuma 1 fi 900 hojiirraa gaggeesse

Finfinnee, Guraandhala 21, 2015 (FBC) – Naannoon Ummatoota Kibba Lixa Ityoophiyaa hoggantootaa fi hojjettoota ragaan barnootaa sobaa irratti argame kuma 1 fi 900 hojiirraa gaggeessuu beeksiise.

Biiroon Paabilik Sarvisii fi Qabeenya Humna Namaa naannichaa karoora raawwii baatiwwan jahaan darbanii bakka Itti aanaa Pireezidaantiin naannichaa Dooktar Injiinara Nagaash Waageeshoon argamanitti gamaaggameera.

Hoggantootaa fi Hojjettoota ragaa barnootaa sobaan qabeenya ummataa fi mootummaa saamaa turan adda baasuuf hojii bal’aan hojjetamuu Hogganaan biirichaa Obbo Asiraat Adaaroon ibsaniiru.

Hojii qulqulleessuu hojjetameenis hoggantoonnii fi hojjettoonni kumni 1 fi 900 ragaa barnootaa sobaa qabaachuu isaaniin mirkanaa’uu kaasaniiru.

Haaluma kanaan hoggantoonni 170 fi hojjettoonni kumni 1fi 730 hojiirraa gaggeeffamuu seeran akka gaafataman taasiifamuu ibsaniiru.

Dabalataan qaxarriin namoota 600 olii karaa seeraan alaa raawwatamuu mirkanaa’uu himaniiru.

Maddi:-TOI

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.