Fana: At a Speed of Life!

Naannolee Afur keessatti manneen barnootaa 16 ijaarsisuuf waliigalteen mallatteeffame

Finfinnee, Fulbaana 27, 2015(FBC)- Dhaabbanni “Namoonni Namootaaf” fi Ministeerri Barnootaa waliin ta’uun naannolee Afur keessatti manneen barnootaa 16 ijaarsisuuf waliigaltee mallatteessan.

Waliigalticha Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaafi Walitti qabaan boordii dhaabbata “Namoonni Namootaaf” Dooktar Sabaastiyaan Biraandiis mallatteessaniiru.

Manneen barnootaa kunneen naannolee Oromiyaa, Afaar, Amaaraafi Somaaleetti kan ijaaraman ta’uu eerameera.

Manneen barnootaa kunneen manneen barnootaa sadarkaa 1ffaafi 2ffaa yoo ta’an, baasii Birrii miiliyoona 300 kan ijaaraman ta’uu ibsamera.

Manneen barnootaa naannolee arfanitti  ijaaraman waggaatti giddugalaan dabareen barattoota kuma 8 ni keessummeessu jedhamuu ragaan Ministeera Barnootaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.