Fana: At a Speed of Life!

Naannolee Oromiyaa, Beenishaangul Gumuzii fi Gambeellaatti hojiileen nageenyaa hojjetaman abdi qabeessa jedhame

Finfinnee, Caamsaa 15, 2014 (FBC) – Naannolee Oromiyaa, Beenishaangul Gumuzii fi Gambeellaatti nageenya waaraa buusuuf hojiileen hojjetaman bu’aawwan abdii qaban galmeessa jiraachuun eerameera.

Kutaaleen hawaasaa naannolee kanneenirraa walitti baba’an, dhimmoota nageenya waaraa buusuurratti mari’ataniiru.

Waltajjichaan garee shororkeessitootaa shanee fi kanneen biroon naannawaa daangaatti sochiin taasisan sodaa nageenyaa ta’uu isaanii ka’eera.

Kanaanis namaa fi qabeenyaarra miidhaan ga’uurra darbee dubartoonnii fi daa’imman, rakkoof saaxilamuu ibsameera.

Mootummaan tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu akka fudhatuuf hirmaattonni gaafataniiru.

Ijaarsa nageenyaafi hariiroon ummattootaa akka cimu hojjetamuu qabaan gaafatameera.

Itti Gaafatamaan Waajjira Qindeessaa Nageenyaa fi Misoomaa Naannolee Oromiyaa, Beenishaangul Gumuzii fi Gambeellaa, Obbo Firoomsaa Solomoon, naannolee kanneen misoomaa fi nageenyaan walitti hidhuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hariiroo ummatootaa guddisuuf sadarkaa hundatti hojiilee bal’aan hojjetamaa jiraas himaniiru.

Afwarqi Iyyaayyuutu Gabaase

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.