Fana: At a Speed of Life!

Naannoleen Somaalee bara baajataa kanatti carraa hojii uumuuf Birrii miiliyoona 235 ramaduu ibse

Finfinnee, Fulbaana 5, 2014 (FBC) – Naannoleen Somaalee bara baajataa 2014 carraa hojii uumuuf Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 35 ramaduu Itti aanaan Preezdaantiin naannichaa obbo Musxafee Mahaammad ibsaniiru.

Dorgommiin qopheessummaa Komishinii Carraa Hojii Uumuu naannichaan baatii 2f waldaalee 85 gidduutti magaalaa Jigjigaatti gaggeeffamaa ture xumuramuu ibsameera.

Saganticharratti Itti aanaan Preezdaantii naannichaa obbo Musxafee Mahaammad dabalatee hoggantoonni olaanoon naannichaa fi bakka buutoonni waldaalee hirmaataniiru jedhame.

Bara baajataa 2014tti carraa hojii uumuuf Birrii miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 35 ramadamuu obbo Musxafeen ibsaniiru.

Waldaalee dorgommii marsaa xumuraaf dhiyaatan 51f Birrii miiliyoonni 35 badhaasaan kan qoodamuuf ta’uu himameera.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.