Fana: At a Speed of Life!

Naannon Gaambeellaa vaayrasii koroonaa ittisuuf murteewwan dabarse

Finfinnee, Bitootessa 23, 2012 (FBC) – Mootummaan naannoo Gaambeellaa vaayrasii koroonaa ittisuuf murteewwan addaddaa dabarse.
 
Geejibni ummataa jajjabaa fi jiddugaleessaa magaalaa Gaambeellatii ba’uu fi seenu har’aa eegalee guyyootii 14f akka dhaabbatu ibsame.
 
Geejibni ummataa aanaa fi godinaalee walqunnamsiisan dandeettii fe’umsa isaanii walakkaadhan hir’isanii tajaajila akka laatan murtaa’era.
 
Baajaajii, miinibaasii fi geejibni magaalaa kamuu har’aa keessaa guyyootii 14f ittifameera.
 
Mootar saaykiloonni kamuu isa oofun ala nama dabalataa fe’uun dhoorkameera.
 
Manneen dhiichisaa, manneen jimaa fi shiishaa guutumaa guututti akka cufaman murtaa’era.
 
Waajjiraaleen mootummaa lakkoofsa hojjettootaa akka hir’isan, sooroma kan ga’an, haawwan hoosisanii fi ulfi manaa akka hojjetan murtaa’era.
 
Baqattoonni ummataan walitti makamanii kan jiraatan waan ta’eef, mootummaan federaalaa murtee furmaataa akka laatu ibsameera.
 
Lammiilee biyyoota alaa hojii daandiirratti bobba’an ilaalchisuun mootummaa federaalaa waliin murtee fi kallattiin ni kaa’ama.
 
Daldaltoota daballii gatii hin malle taasisanii fi meeshaalee dhoksanirratti tarkaanfiin fudhatamu kan itti fufu ta’uunis ibsameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.