Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaaraa Bulchiinsa Godina Addaa Saba Oromootti miseensota shanee 33 dabalatee shakkamtoonni 145 to’ataman

Finfinnee, Caamsaa 18, 2014 (FBC) – Misheensonni shanee 33 dabalatee shakkamtoonni 145 to’annoo jala ooluu Naannoo Amaaraatti Bulchiinsi Godina Addaa Saba Oromoo beeksise.

Godinichatti tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuutiin namoota yakkaan shakkaman to’annoo seeraa jala oolchaa jiraachuu Bulchaan godinichaa Obbo Ahimad Alii ibsaniiru.

Obbo Ahimad akka ibsanitti hawaasni olaantummaan seeraa hinkabachiifamne jechuun gaaffiin kaasaa turuu eeranii, torban tokko keessatti miseensota shanee 33 dabalatee shakkamtoota 145 to’annoo seeraa jala oochuu himaniiru.

Shakkamtoota addaan baasuun seeraaf dhiyeessuuf hawaasa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu eeruun, kanaanis godinichaatti nageenyi bu’aa jiraachuu himaniiru.

Duula olaantumaa seeraa kabachiisuutiin lammiileen nagaan akka hinto’atamne eggannoon hojjetamaa jiraachuu Obbo Ahimad eeraniiru.

Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu kun godinaalee ollaa fi naannolee waliin qindoominaan hojjetama jiraachuu dubbachuu isaanii AMC gabaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.