Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaaraa godina saba Oromootti sodaan rakkoo nageenyaa ture furame

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2013 (FBC) – Naannoo Amaaraa godina saba Oromootti sodaan rakkoo nageenyaa ture hirmaannaa ummataa fi qaamolee nageenyaan tasaggabbaa’uu ibsame.
 
Hirmaannaa abbootii gadaa, dureewwan amantaa, jaarsoliin biyyaa fi hawaasni qaamoolee nageenya waliin ta’uun taasisaniin godinichatti nageenya waaraa bu’uu ibsameera.
 
Rakkoon nageenyaa ummataaf sodaa ta’ee ture hojii hawaasnii fi qaamooleen nageenyaa tumsaan hojjetaniin furamuu abbootiin gadaa godinichaa himaniiru.
 
Kantibaan magaalaa Kamisee obbo Umar Hasan gama isaaniin hawaasa adda qoqqooduuf hojii cimaan hojjetamus aadaa fi duudhaa ummanni naannichaa waliin qabu balicha hambisuu danda’eera.
 
Qaamoleen farra nageenyaa Amantaa fi eenyummaa sabaa fayyadamuun hawaasa waliiti buusuuf socho’aa turuu bulchaan godinichaa obbo Ahimad Huseen Faanaa Broodkaasting Koorporeetiif himaniiru.
 
Tattaaffiin jiraattoota Shawaa Kaabaa fi saba Oromoo Kamisee waliitti buusuuf taasiifamaa ture fashalaa’uu eeraniiru.
 
Yeroo ammaatti hariiroo ummataa cimsuuf hojii hojjetameen nageenyi waaraan bu’uu ibsaniiru.
 
Balaay Tasaayeetu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.