Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaaraa; Goojjaam Bahaatti proojaktoonni Birrii biiliyoona 1.6 ebbifaman

Finfinnee, Adoolessa 28, 2012 (FBC) – Naannoo Amaaraa godina Goojjaam Bahaatti proojaktoonni Birrii biiliyoona 1.6 ijaarraman ebbifaman.
 
Proojaktoonni hirmaannaa ummataa fi mootummaatin Birrii biiliyoona 1.6 hojjetaman 403 bakka preezdaantiin naannoo Amaaraa obbo Tamasgeen Xiruunah argamanitti ebbifamaniiru.
 
Kana keessaa Birrii miiliyoonni 203 hirmaannaa ummataatin kan hojjetamedha.
 
Proojaktoonni misoomaa kanneen mana barnootaa, riqaa fi hidha jallisiif ooludha.
 
Aanaa Machakkaalitti Birrii miiliyoona 3.3 proojaktiin jallisii hojjetame lafa heektaara 25 misoomsuun, qonnaan bultoota 155f fayyadamoo taasisuu danda’a jedhameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.