Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaaraatti bara baajataa 2012tti proojaktoonni kaappitaalaa %70 xumuramuun ibsame

Finfinnee, Fulbaana 20, 2013 (FBC)- Naannoo Amaaraatti bara baajataa 2012tti proojaktoonni kaappitaalaa %70 xumuramuun ibsame.
Koomiishiniin Plaanii fi Misoomaa Naannoo Amaaraa har’a magaalaa Baahir Daaritti raawwii proojaktoota kaappitaalaa gamaaggameera.
Koomiishinichi akka beeksisetti bara baajataa 2012tti proojaktoota kaappitaalaa 29 Birrii biiliyoona 4.5 oliin xumuruuf yaadamee, %70 hojjetamuu ifoomsera.
Raawwiin isaanii gadi aanaa kan turan ammoo bara baajataa 2013 kanatti kan hojjetaman ta’a jedhameera.
Naatnaa’eel Xigaabuutu gabaase.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.