Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaaraatti barattoonni miiliyoonni 1.2 ol sababa weerara garee shororkeessaa ABUT barnoota ala ta’uu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 18, 2014 (FBC) – Naannoo Amaaraatti barattoonni miiliyoonni 1.2 ol sababa weerara garee shororkeessaa ABUT barnoota ala ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii mootummaa beeksiise.
Haleellaa gareen shororkeessaa ABUT raawwateen naannoo Amaaratti lammiileen miiliyoonni 1 ol qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu Tajaajilli Kominikeeshinii mootummaa ibsa torbee laateen himeera.
Lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqaniif deeggarsi namoomaa mootumma fi dhaabbilee deeggartootaan dhiyaachaa jiraachuu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salamaawiit Kaasaan eeraniiru.
Naannoo Amaaraatti barattoonni miiliyoonni 1.2 ol sababa weerara garee shororkeessaa ABUT barnoota ala ta’uu fi barsiisoonnii kumni 47 ol hojii malee hafuu ibsameera.
Koollejjiin leenjii barsiisoota lama fi manneen barnootaa kumni 1 ol guutumaan guututti barbadaa’uu himaniiru.
naannoo Afaarittis lammiilee qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’ani deebisanii dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Gama Dhaabbatta Mootummoota Gamtoomaniin lammiilee naannoo Tigraayiif deeggarsai namoomaa dhiyaachaa jiraachuu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salamaawiiti Kaasaan ibsa laataniin himaniiru.
Karaa Samaraan konkolaattoonni deeggarsa namoomaa fe’an 83 gara Maqalee seenuu himaniiru.
Gareen shororkeessaa ABUT iddoolee weerara raawwateetti qabeenya saamee akka hin baane hawaasa gurmeessuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad waadaa galan gochaan agarsiisuu danda’aniiru jedhan Ministir Deetiittiin.
Gareen shororkeessaa iddoowwan weeraree ture gadi lakkisuun baqachaa jiraachuus eeraniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.