Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaaraatti dhaabbilee daldalaa 724 irratti tarkaanfin fudhatame

Finfinnee, Bitootessa 8, 2012 (FBC) – Naannoo Amaaaraatti dhaabbilee daldalaa vaayrasii koroonaa sababeeffachuun daballii gatii taasisan 724 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Biiroon Daladalaa fi Misooma Gabaa naanniicha beekseera.

Hogganaan biirichaa obbo Birhaanuu Xamyaalaaw Faanaa Broodkaastiing Koorporeetif akka himanitti, vaayrasicha sababeeffachuun dhaabbilee daldalaa xaafii, barbaree fi qorichootarratti daballii gatii taasisaan 724rratti tarkaanfiin fudhatameera jedhan.

Naannichatti rakkoolee kana fakkaatan hordofuun itti fufinsaan tarkaanfii fudhachuuf koreen ijaarraamee hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Dhaabbilee carraa kana fayyadamuun daballii gatii hin barbaachifne taasisaanirratti tarkaanfiin fudhatamu cimee kan itti fufuu ta’uu ibsaniiru.

Kibrawasan Nuuruutu gabaase

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.