Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaaraatti kaffaltoota gibiraa burjaajjii gibiraa uuman kuma 1 fi 500 ol irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Amajjii 22, 2012 (FBC) – Naannoo Amaaraatti kaffaltoota gibiraa burjaajjii gibiraa uuman kuma 1 fi 500 ol irratti tarkaanfiin fudhatamuun ibsame.

Kaffaltootni gibiraa galmee gurgurtaa meeshaalee hin fayyadamnee fi nagahee galii osoo hin murin gurgurtaa raawwatan irratti tarkaanfii fudhachuu Biiroon Galiiwwanii Naannoo Amaaraa beeksiseera.

Kaffaltoota gibiraa badii raawwatan irratti adabbiin maallaqaa fi barreeffamni akeekkachiisaa kennamuu daayreektarri murteessa galii, sassaabbii fi hordoffii biirichaa obbo Yittaayaw Fantee dubbataniiru.

Kaffaltoonni gibiraa 174 nagahee osoo hin murin kanneen harkaa harkatti qabaman tokkoon tokkoo isaanii Birrii kuma 50 adabamuu isaanii himaniiru.

Kaffaltoonni gibira dhoksuuf yaalaanii fi galmee gurgurtaa osoo hin fayyadamni tajaajila laatan kumni 1 fi 554 adabbii salphaa fi barreeffamni of eeggannoo inni dhumaa kunnamufii obbo Yittaayaw dubbachuu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Koominiikeeshinii Mootummaa Naannichaa irraa argame ni mul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.