Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Beenishaangul Gumuuzitti damee fayyaatin hojiiwwan  hojjetamaan jajjabeessadha-Dr Liyaa

Finfinnee, Caamsaa 13, 2013 (FBC) – Naannoo Beenishaangul Gumuuzitti tajaajila fayyaa fooyyessuuf hojiiwwan hojjetamaan jajjabeessaa ta’u Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaan Taaddasaan ibsaniiru.

Ministirittin fuula miidiyaa hawaasa isaaniirratti, naannoo Beenishaanguul Gumuuz magaalaa Asoosaa fi naannichaatti tajaajila fayyaa laatamuu daawwachuu himaniiru.

Buufata fayyaa magaalaa Asoosaatti kenninsa tajaajila fayyaa haadholii fi daa’immanii, baqaqsanii yaalu, dhibee taasaa, qorannoo duraa kaansarii ulaa gadameessaa fi dhukkuboota daddarboorratti qorannoo fi talaallii laachuu dabalatee tajaajila fayyaa biroorratti hojiin gaariin raawwatamuu ibsameera.

Hanqinoota jiraan furuufi qulqullinaa fi qaqqabummaa tajaajilaa foyyeessuuf hojjechaa jiraachuu biiroon fayyaa naannichaa ibseera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.