Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Beenishaangulitti lafa hektara kuma 11 jallisiin qamadii misoomsuuf qophiin taasifamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 26, 2015 (FBC) – Naannoo Beenishaangul Gumuzitti lafa hektaara kuma 11 jallisiin qamadii misoomsuuf qophiin taasifamaa jiraachun ibsame.

Hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeeya Uumamaa Naannichaa Obbo Baabakiir Haaliif, naannichi xiyyeeffannaan kan hojjetu misooma qamadii bonaaf qophii barbaachisaan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Waqtii Bonna lafa hektaara kuma 11 qamadii jallisiin misoomsuuf karoorfamuu eeruun, misooma qamadii kanaaf oyiruuwwan qophaa’aa jiru jedhan.

Qonnaan bultootaaf kan dhiyaatu bittaa sanyii qamadii filatamaa kuntaala kuma 6 raawwachuu fi dhiyeenyatti qonnaan bultootaaf kan raabsamu ta’aa himaniiru.

Naannichatti bara 2014 Qonna Gannaan lafa hektara kuma 8 fi 622 sanyii qamadii filatamaan uwwifamuu ragaan kominikeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.