Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Gaambeellaatti sagantaan Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkotti Biqiltuuwwan miiliyoona 1.7 dhaabuu eegalame

Finfinnee, Adoolessa 24, 2014 (FBC) – Naannoo Gaambeellaatti sagantaan Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkotti Biqiltuuwwan miiliyoona 1.7 dhaabuu eegalameera.

Sagantichi mata duree’ Ashaaraa keenya Dhaloota keenyaaf’ jedhuun bakka Pireezidaantiin naannichaa Obbo Umood Ujuluun argamatti sadarkaa naannoo, Godinaalee fi aanaaleetti eegalameera.

Guyyaa har’aa qofa sagantaa Ashaaraa Magariisaa marsaa 4ffaan biqiltuuwwan akaakuu garaagaraa miiliyoonni 1.7 kan dhaabbatan ta’uu Obbo Umood ibsaniiru.

Bara kana akka naannichaatti biqiltuuwwan miiliyoona 9.5 dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoon biqiltuuwwan miiliyoona 1.7 dhaabuuf karoorfame kana milkeessuuf miseensonni Mana Maree naannichaa hirmaachaa jiraachuu Af Yaa’iin Mana Maree naannoo Gaambeellaa Aadde Baanchaayahu Diingataan himaniiru.

Biqiltuu bara darbe sagantaa guyyaa tokkoon dhaabbate dabalatee biqiltuuwwan bara 2013 keessa dhaabbatan % 85 latuu hogganaan Biiroo Qonnaa naannichaa Obbo Ajaak Uchaalaan ibsuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.