Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Gambeellaatti Sagantaan ittisa dhibee busaa eegalame

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2014 (FBC) – Naannoo Gambeellaatti mata duree “ busaa balleessuun anarraa jalqaba” jedhuun Sagantaan ittisa dhibee busaa eegalamuu ibsameera.

Sagantichaan sadarkaa gandaa hanga naannootti hojiin naannoo qulqulleessuu fi hubannoo hawaasaa cimsuu kan hojjetamu ta’uu ibsameera.

Dhibeen busaa rakkoo fayyaa naannichaa ta’uu hogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Gambeellaa obbo Root Gaatiwiich eeraniiru.

Dhibeen busaa rakkoo kan uumu seensaa fi baha waqtii gannaa waan ta’eef hawaasni of eeggannoo barbaachisu akka taasisuuf waamicha taasisaniiru.

Hawaasni bakkeewwan bookeen busaa itti wal hortu qulqulleessuun, Agoobaraa fi mallattoolee ittisaa biroo fayyadamuun dhibicha ittisuu akka qabu kaasaniiru.

Ministeera Fayyaa fi dhaabbilee tumsaa biroo waliin ta’uun dhibicha ittisuuf hojjechaa jiraachuu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii naannichaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.