Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Gambeellaatti waliigalteen oomisha qurxummii hanga toonii kuma 17 oomishuu dandeesisu mallattaa’e

Finfinnee, Fulbaana 12, 2013 (FBC) – Naannoo Gambeellaatti waliigalteen oomisha qurxummii hanga toonii kuma 17 oomishuu dandeesisu mallattaa’e.

Proojaktiin oomisha qurxummii naannoo Gambeellaa guddisuu dandeeessisu mootummaa naannoo Gambeellaa, Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii fi Yuunivarsiitii Gambeellaa gidduutti ta’eera.
Proojaktichi Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 55 kan fudhatu yoo ta’u waggaa 3 keessaatti ni xumurama jedhameera.
Oomishni qurxummii naannoo Gambeellaa wayita ammaa waggaan hanga toonii 400 yoo ta’u, prookatichi wayita xumuramutti gara toonii kuma 17tti ol ni guddata.
Ministir Deettaan Ministeera Innooveshinii fi Teeknooloojii obbo Sisaay Tolaa proojaktichi oomishaa qonnaa keenya teeknooloojiin tumsuu fi gabaa addunyaarratti dorgomaa ta’uuf qaama kaayyoo keessaa isa tokkodha jedhan.
Waliigaltichaan mootummaan naannoo Gambeellaa dhiyeessii lafaa, Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii dhiyeessi teeknooloojii, Yuunivarsiitii Gambeellaa ammoo hojiiwwan qorannoon waliin hojjetu.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.