Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Harariitti duulli ‘Poostaa Adii gara Masaraa Adiitti’ jedhu eegalame

Finfinnee, Fulbaana 7, 2014 (FBC) – Naannoo Harariitti sagantaan duula ‘Poostaa Adii gara Masaraa Adiitti’ jedhu har’a ifatti eegalameera.
Preezdaantiin naannoo Hararii obbo Oordiin Badiriin sagantaa duula ‘Poostaa Adii gara Masaraa Adiitti’ jedhu eegalchiisaniiru.
Gareen shororkeessaa ABUT lammiilee naannoo Amaarii, Afaarii fi Tigraayirra miidhaa hamaa qaqqabsiisaa osoo jiruu miidiyaaleen idil addunyaa dhugaa jiru cinaatti dhiisuun ragaa sobaa addunyaaf dhiyeessaa jraachuu ibsaniiru.
Shira garee shororkeessaa saaxiluun haqa Ityoophiyaa addunyaatti beeksiisuuf sagantaan duula ‘Poostaa Adii gara Masaraa Adiitti’ jedhu qooda olaanaa qabaachuu obbo Oordiin Badiriin ibsaniiru.
Preezdaantii Ameerikaa Joo Baayidan ergaa kanaaf deebii gaarii ni laatan amanna jechuu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa naannichaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.