Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Harariitti manneen barnoota birrii miliyoona 16n ijaaraman eebbifaman

 

Finfinnee, Hagayya 9, 2013 (FBC)- Naannoo Harariitti rakkoo mana barnootaa aanaalee keessa ture furuuf birrii miliyoona 16n manneen barnootaa ijaaramaa turan eebbifaman.

Ebba piirojektii manneen barnootaa kana irratti kan argaman pireezidaantiin bulchiinsa motummaa naannoo Hararii obboo Ordiin Badriiti.

Kanaan dura rakkoo mana barnootaa Aanaa Eerer keessa tureen hawaasni yeroo dheraaf gaaffi kana gaafachaa turu yaadachisani qindoomina Biroo Barnootaa fi bulchiinsa motummaatin kan debi’ee tahu himan.

Rakkooakkoo qulqullina barnootaa Kanaan dura tures furmaata akka argatu abdiin qaba jachuun kan dubbatan Itti Aantuu Piresidaanti bulchiinsa mootummaa nannoo Harari Addee Miisraa Abdellaati.

Itti gaafatamaan Biiroo Barnootaa naannoo Harari Obbo Muktaar Saalii akka dubbatanitti, rakkoo coviidin walqabatee kanaan dura turee fi daree tokkotti barataa humnaa ol barsiisaa tures kan fureedha jedhani jiru.

Kadiir Shamshadintu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.