Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Harariitti Talaalliin Vaayrasii Koroonaa Marsaa 3ffaan Kennamuu eegale

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2014 (FBC) – Naannoo Harariitti Talaalliin Vaayrasii Koroonaa Marsaa 3ffaan Kennamuu eegaleera.

Naannichatti talaalliin vaayrasii Koroonaa marsaa 3ffaa namoota umriin isaanii 12 fi isaa ol ta’eef dhaabbilee mootummaafi buufataalee fayyaa hundatti kennamaa jira.

Naannichatti hanga ammaatti marsaanlamaan namoota kuma dhibba 1fi kuma 9 oliif talaalliin vaayrasii Koroonaa kennamuu ibsameera.

Naannichatti Wayita ammaa marsaa 3ffaan namoota kuma 80 oliif talaallii vaayrasii Koroonaa kennuuf hojjatamaa jiraachuu Itti Aanaan Hoogganaa Biiroo Fayyaa Naannoo Hararii Obbo Fatii Mahaadii  himaniiru.

Tatamsa’inna vayrasii koroonaa yeroo ammaa  mul’ataa jiruun walqabatee hawaasa bira dagannaan jiraachuu fi  talaallii kennamuun cinatti hawaasni of eeggannoo taasisu cimsee itti fufuu qaba jedhameera.

Naannichatti talaalliin vaayrasii koroonaa  marsaa 3ffaan Waxabajjii 2 irraa eegalee guyyoota 15niif itti fufiinsaan  dhaabbilee mootummaafi buufataalee fayyaa hunda keessatti kan kennamu ta’uu ibsameeraa.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.