Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Harariitti vaayrasiin koroonaa nama tokkorratti argame

Finfinnee, Caamsaa 14, 2012 (FBC) – Gabaasni idilee guyyaa kaleessaa erga dhiyaatee boodaa naannoo Harariitti vaayrasiin koroonaa nama tokkorratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
 
Naannichaatti qorannaa laabraatoorii namoota 12f taasifameen vaayrasichi nama tokkorratti argamuu ministeerichi edana beeksiseera.
 
Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa namoonni vaayrasiin kun irratti argame 10 yoo ta’an Ityoophiyaatti walii gala lakkoofsi namoota vaayrasichan qabamanii 399 ga’eera.
 
Namoonni 269 ammoo yaalarratti argamu.
 
Biyyattiitti waliigala namoota kuma 69,519f qorannaan laabraatoorii taasifameerea.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.