Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Hararitti dameewwan 13 tajaajilli tola ooltummaa eegalame

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2013 (FBC) – Naannoo Hararitti dameewwan 13 tajaajilli tola ooltummaa eegalamuu ibsameera.
Preezdaantiin naannichaa obbo Odriin Badiriin manneen Maanguddootaa haaromsuun tajaajila lammummaa fi tola ooltummaa naannichaa ifatti eegalchiisaniiru.
Tajaajila tola ooltummaa gannaa bara 2012 dargaggoonni naannichaa hojii Birrii miiliyoona 4.3tti tilmaamamu hojjechuu Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa, Daa’immaanii fi Dargaggootaa naannichaa aadde Amiinaa Abduulkariim ibsaniiru.
Dargaggoonni naannichaa sagantaa Ityoophiyaa yaa uwwifnu jedhuun hanga Fulbaana 15, 2014tti tajaajila tola ooltummaa dameewwan 13 ni laatu jedhamee eeggama.
Iyyoonaadab Andu’aalemtu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.