Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Hararitti hidha guddichaaf birrii miliyoona 3.7 walitti qabame

 

Finfinnee, Eebila 26, 2013 (FBC) -Aanaalee naannichaa keessatti naanna’a kan ture waancaan hidha guddichaa guyyaa har’a aanaa Abokar yeroo gahu simannaan taasifameera.

Hanga amma aanaalee 5 irraa Birri miliyoona 3 fi kuma 700 walitti qabameera.

Sirna walharkaa fuudhu waancaa irratti itti gaafatamaan waajjira dhimmoota Koominikeeshinii fi qindeessaa hirmaanna ummataa hidha guddicha naannoo Harari Obbo Henook Mulunaa, ummanni milkaa’in pirojeektichaaf beekumsaan,maalaqaa fi humnaan hirmaachaa turu himan.

Hanga ijaarsi hidha guddicha Itoophiyaa xumuramutti deegarsa taasisaa, aadaa qusanna ummataa cimuu qaba jedha.
Waancaan hidhichaa turti isaatiin birrii miliyoona 20 waltti qabuuf karoorfame.

Odeeffannoon kan waajiira dhimmoota koominikeeshini naannichatti.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.