Fana: At a Speed of Life!

Naannoo keenyarra saamicha sirnatu ture-Preezdaant Shimallis

Finfinnee, Adooleessa 29, 2013 (FBC)- Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdisaa naannoo keenyarratti saamicha sirnatu ture jedhan.

Preezdaantichi kana kan jedhaniis yaa’ii hundeeffamaa baankii Gadaarrattidha.

Hiyyummaan nama faana hin dhalanee kan jedhan obbo Shimallis Abdiisaan, sirnoota darbantuu eeggattummaa hawaasa keenyarratti fidee jedhaniiru.

Baankii hedduu biyyatti keesssatti tajaajila garaagaraa laachaa kan jira ta’uus, baankiin Gadaa hundeeffamuun mallattoo bilisummaa uumataa keenya agarsiisa jedhaniiru.

Baankiin Gadaa hundeeffame hawaasa keenya baaddiyyaa keessa jiraatanif deeggarsa tajaajila liiqii mijeessuun qonnaan bultoonni gara hojii invaastimeentitti akka ce’aniif deeggarsa ogummaa fi kanneen biroon ni laataa jedhaniiru.

Hawaasni biyyatti bilisummaa isaa eegachuun hojiiwwan diinaagde biyyaa ijaaruu danda’anirratti hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.

Gammachuu Beekumatu gaabase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.