Fana: At a Speed of Life!

Naannoo kibbaatti proojaktoota kaappitaala Birrii biiliyoona 9.8 galmeessisaniif eeyyamni kennamu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 29, 2012 (FBC) – Naannoo Kibbaatti bara baajataa darbetti abbootii qabeenyaa kaappitaala Birrii biiliyoona 9.8 galmeessisaaniif eeyyamni Invaastimantii kennamuu Koomishiiniin Invastimantii naannichaa beeksise.
 
Naannichatti haalli nageenyaa fooyya’aa dhufuu isaan sosochiin Invaastimanti guddina agarsiisaa jiraachuu himameera.
 
Bara baajataa darbe kanattis abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi Diyaaspooraawwan 454 dameelee invaastimantii garaagaraarratti bobba’aniif eeyyamni dhuunfaa fi Aksiyoonii kennamuu ibsameera.
 
Eeyyamni bara baajataa kana kenname kan bara 2011 birrii biiliyoona 6 caalmaa qabaachuu ibsameera.
 
Proojaktoonni eeyyama fudhatan guumaatti wayita gara hojiitti galan hojii dhabeeyyii kuma 53 oliif carraa hojii dhaabbii fi yeroo uumuu danda’u jedhame.
 
Akka Biiroon dhimmoota koomiiniikeeshiinii mootummaa naannichaa beeksiseetti, proojaktoota eeyyama fudhantan keessaa 71 misooma qonnaa, 200 tajaajiloota, 183 ammoo indaastiriirratti ta’uu ibsameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.