Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Kibbaatti talaalliin Covid – 19 marsaan jalqabaa har’a ni eegala

Finfinnee, Sadaasa 10, 2014 (FBC) – Naannoo Kibbaatti talaalliin Covid – 19 marsaan jalqabaa har’a kan eegalu ta’uu Biiroon Eeggumsa Fayyaa naannichaa beeksiise.

Har’aa eegalee namoota miiliyoona 1.5 talaaluuf karoorfamuu hogganaan Biirichaa obbo Indashaw Shibbiruun ibsaniiru.

Jiraattoota naannichaa umriin isaanii waggaa 12 ol ta’eef magaalota naannichaa hunda keessatti kan laatamu ta’uu eeraniiru.

Hanga baatii Muddeetti jiraattoota naannichaa miiliyoona 3.4 talaaluuf kan hojjetamu ta’uu obbo Indashaw dubbataniiru.

Manneen amala sirreessaa dabalatee hojjettoota dhaabbilee garaagaraa keessa jiran, fi buqqaatootaaf xiyyeeffannoon laatamee kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Naannichatti hanga ammaatti namoonni kumni dhibbi 7 ol talaallii kan fudhatan yoo ta’u, namoota kuma 15 dhibichaan qabaman keessaa lubbuun namoota 238 darbuu ragaan Biiroo Eeggumsa Fayyaa naannicharraa argame ni agarsiisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.