Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti baatiwwan jahaan darban manneen barnootaa kumni 5 fi 66 ijaaraman – BBO

Finfinnee, Amajjii 25, 2015 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti baatiwwan jahaan darban manneen barnootaa idileen duraa kumni 5 fi 606 ijaaramuu Biroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.

Ittaanaa Hogganaan birrichaa Obbo Girmaa Baayyisaa FBC’f akka ibsanitti, bara baajataa kanatti barattoonni miiliyoonaa 10.6 barnnootaa barachaa jiru.

Barattoonni barnootaa isaanii akka hortdofaniif manneen barnootaa idileen duraa babal’isuuf qindoominaan hojjetamaa akka jiru kaasuun baatiwwan jahaan darbanitti manneen barnootaa idileen duraa kuma 6 ijaaruuf karoorfamanii kumni 5 fi 606 ijaaramuu eeraniiru.

Kanneen keessaa kumni 5 fi 522 tajaajilaa kennaa jiraachuu eeraniiru.

Adeemsa ijaarsaa keessatti abbootiin qabeenyaa, dhaabbileen amantaa, jiraattonni, hojjettoonni mootummaa fi qaamoleen dhimmichi ilaallatu biroon hirmaachuu eeraniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.