Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti damee fayyaan jijjiirrama fiduuf hojiin hojjetama bu’aa qabeessa ta’uu himame

Finfinnee, Hagayya 29, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti damee fayyaan jijjiirrama fiduuf hojiin hojjetama bu’aa qabeessa ta’uu himame.
 
Waltajjiin gamaaggama raawwii hojii fayyaa godinaalee 22 keessaa aanaalee filataman shan shan hirmaachise magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jira.
 
Naannoo Oromiyaatti damee fayyaan aanaalee ceesisuuf hojiin aanaalee 42 keessattii eegalame bu’aa qabeessa ta’uu isaan yeroo ammaa aanaalee 82 keessatti hojiitti hiikkamaa jira jedhame.
 
Hojii dhaabbilee fayyaa, gandoota, maatii fi manneen barnootaa hirmaachisuun hojjetamaa jiruun paakkeewwan Ekisteenshinii fayyaa hojiirra oolchuun fooyya’iinsi argamuu dubbatameera.
 
Dabalataan dhaabbilee fayyaa keessatti kenniinsi tajaajila fayyaa yeroo gara yerootti fooyya’aa jiraachuu ibsameera.
 
Biiroo Eeggumsa Fayyaa Oromiyyatti qindeessan deeggarsa dhaabbilee fayyaa obbo Qamaraddiin Shifaa, naannichatti fayyaa hawaasaa eeguuf hojiin qindoominaan hojjetamaa jiru bu’aa argamsiisaa jiraachuu himaniiru.
 
Keessattuu naannoo Horsiisee Bulaa Booranaa fi Harargee Bahaa aanaa Gursumitti hojiin hojjetame kanneen biroof fakkeenya ta’uu akka qaban dubbataniiru.
 
Yeroo itti aanu damee fayyaan aanaalee ceesisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.
 
Fayyaa hawaasa eeguuf karoorri waggaa 10 bocamuun hojjetamaa jiraachuu obbo Qamaraddiin dubbataniiru.
Muktaar Xahaatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.