Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 109 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 20, 2013 (FBC) –Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 109 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 645 hojjetameen vaayrasichi namoota 84 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 11,715 ga’eera.

Lubbuun namoota 3 yoo darbu, waliigala Lubbuun namoota 90 darbeera.

Namoonni haaraan 45 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 6766 dandamataniiru.

Namoonni 15 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 4859 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 192,649 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.