Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 146 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 27, 2012 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 146 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 3493 hojjetameen vaayrasichi namoota 146 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 6591 ga’eera.

Sa’aa 24 darbeetti vaayrasichaan lubbuun nama 1 yoo darbu, waliigala Lubbuun namoota 48 darbeera.

Namoonni haaraan 107 aayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 2192 dandamataniiru.

Namoonni 5 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 4351 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 140738 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.