Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 202 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 9, 2012 (FBC) –  Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 202 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 3448 hojjetameen vaayrasichi namoota 202 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 2768 gaheera.

Hanga ammaatti waliigala Lubbuun namoota 27 darbeera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 68,737 gaggeeffameera.

Nammoonni haaraan 62 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 909 dandamataniiru.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 1832 ta’uu biirichi ifoomseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.