Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 53 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 22, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 53 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.
 
Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 1143 hojjetameen vaayrasichi namoota 53 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.
 
Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 997 ga’eera.
 
waliigala Lubbuun namoota 18 darbeera.
 
Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 38,743 gaggeeffameera.
 
Hanga ammaatti namoonni 263 dhibicharraa dandamataniiru.
 
Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 716 ta’uu biirichi ifoomseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.