Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti Ganna dhufu biqiltuuwwan biiliyoonni 4 ol dhaabbiif qopha’aa jiru

Finfinnee, Muddee 22, 2013 (FBC)- Naanoo Oromiyaatti Ganna dhufu biqiltuuwwan biiliyoonni 4 ol dhaabbiif qopha’aa jiraachuu Biiroon Qonnaa fi Qabeenyaa Uumamaa Oromiyaa beeksise.
Biirichatti daayreektarri kunuunsa misoomaa bosonaa obbo Silashii Lammaa, naannichaatti biqiltuuwwan biiliyoonni 4.1 dhaabbiif qopha’uu himaniiru.
Biqiltoonni qopha’aa jiran mukeewwaan sanyii bosonaa fi nyaataaf kan oolan ta’u himaniiru.
Biqiltuuwwan qopha’aan qabeenya biyyaa keessaa dabalatee kuduraa fi muduraa, nyaata beelladootaaf kan oolan ta’us eeraniiru.
Biqiltuwwan dhaabbiif qopha’aan keessaa hanga ammatti %74 saanyiwwan biqiltuu baayyisu raawwatamus himaniiru.
Biqiltuwwan qopha’anis lafa heektara miiliyoona 1.7 uuwwisu danda’u jedhameera.
Qophii biqiltuuwwan kanaan lammiilee kuma 58 carraan hojii umaamu himaniiru.
Galii Birrii miiliyoona 1 fi miiliyoona 72 ol argachuus himaniiru.
Naannichatti Ganna darbeen biqiltuuwwan biiliyoonni 3.2 dhaabamu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.