Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti hojiin weerara hoomaa Awwaannisaa ittisuu akkuma itti fufetti jira

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2013 (FBC) – Weerara hoomaa Awwaannisa Gammoojii godinaalee naannoo Oromiyaa keessati muul’ate ittisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
 
Jilli hooggannaa Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabaleen durfamu aanaalee godina Shawaa Bahaa aanaa Liibaan Cuqqaalaa, Lumee , Adaamaa fi Boosatiitti argamuun duula keemikaala biifuu gaggeessaa jira.
 
Weerarri kun ammallee muul’achaa waan jiruuf ogeeyyiin qonnaa qonnaan bultoota waliin qindaa’uun yeroo yeroon sakkata’iinsa maasii gaggeessuu akka qaban obbo Dhaabaan dhaamaniiru.
 
Oduma walfakkaatuun jilli itti aanaa hooggannaa Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuun durfamu godina Harargee Lixaa aanaalee Xulloo fi shanan Dhugootti argamuun keemikaala farra awwaannisaa biifaa jiraachuu ragaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaarra argame ni muul\isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.