Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti injifannoo Adwaa waggaa 125ffaa kabajuuf qophiin taasiifamaa jira – obbo Addisuu Araggaa

Finfinnee, Amajjii 19, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti injifannoo Adwaa waggaa 125ffaa kabajuuf qophiin taasiifamaa jiraachuu sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti qindeessaan kilaastera Hawaasummaa naannoo Oromiyaa obbo Addisuu Araggaan ibsan.
Injifannoo boonsaa ummatoota gurraacha hundaa Kan ta’e yaadannoo injifannoo Adwaa waggaa 125ffaa qophii adda addaan guutuu Oromiyaatti kabajuuf qophiin eegalamuu ibsaniiru.
Ayyaanichi mata duree “Adwaa, Faajjii Tokkummaa Sabdaneessaa”jedhuun kan kabajamu ta’uu himaniiru.
Ayyaanichi duula Adwaa irratti gootota wareegaman yaadachuuf qophilee waarii aartii, mariilee tokkummaa sabdaneessaa fi obbolummaa jajjabeessan ,hidha haaromsaaf galii walitti qabuun akkasumas agarsisa addababaay adda addaa agarsisuun kan kabajamu ta’a jedhan.
Ayyaanni yaadannoo injifannoo Adwaa waggaa 125ffaa godinaalee fi magaalota Oromiyaa hunda keessatti erga kabajamee,guyyaa xumuraa sadarkaa naannootti magaalaa Finfinnee Addababaayi Masqalaatti sirna ho’aa ta’een kabajamuun guduunfa jedhan.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.